or

Waa’ee

CollegeBound Saint Paul, maatii Saint Paul tiif abdii dha

Magaalaan Saint Paul jireenya ijoollee irratti baasii barbaachisaa taasisuuf murteeffatee jira. Sababa kanaafis, hawaasni akkawnttii qusannaa hanga doolara 50 ta’uun tokkoon tokkoon daa’imman “keessa jiraatanii fi kanneen guyyaa gaafa Amajjii 1,2020 irra, akkasumas isa booda dhalataniif waliin ta’uun kan hojjetuuf.

Sagantaa haaraan, CollegeBound Saint Paul kun maatiifis ta’ee magaalichaaf gara fuula duraatti abdii ifa ta’e qophessuuf haala mijeessa. Kaayyoon sagantaa kanaa maatii fi ijoollee isaanii, qabeenyaa yeroo ijoollummaa akkasumas baasii barnootaa fi meeshaalee fayyaalessa ta’an argachuuf akka ta’utti walitti firoomsuuf.

Ijoollee fi maatiin karaa lakkoofsa herregaa kaffaltii dabalataa argachuuf carraa ni qabaatu. Yeroo jalqabaatiif gara akkawnttii qusannaa kanatti kuusuudhaan, hirmaannaa olaanaa taasisuudhaan, sagantaa yeroo ijoollummaa kanatti hirmaannaa taasisuudhaan, akkasumas shariika guumaacha maallaqaa karaa magaalaa fi dhaabbata hawaasaatti taasifamutti gargaaramuudhaan  kaffaltii dabalataa kan argachuu danda’an ta’a.

CollegeBound Saint Paul, akkamitti maatii keessan gargaaruu akka danda’an, caalmaattis akkamittiin faayidaa argachuu akka dandeessan, fi kan biroo… hubachuuf

Gaaffiiwwan yeroo hedduu gaafataman

Akkamitti sagantaan qusannoo akkawntii baankii kolleejjii kun akka hojjetu

Qusannoon akkawntii baankii kolleejjii (QABK)) kun herrega qusannoo baankii kan yeroo dheeraa kan ijoollee gara fuul duraatti gargaaru, dimshaashumatti kan barnoota sadarkaa lammaaffaa boodaatiif oolu jechuu dha. Kunis barnoota Kolleejjii fi Univarsitii kan waggoota afurii, kan waggoota lamaa fi kolleejjiiwwan hawaasaa, akkasumas humna hojii ykn leenjii ogummaa kan of keessatti haammatu ta’a.

Lakkoofsa Herregaa banuu/Open Account
Lakkoofsi Herregaa kan yeroo dhalootaa ykn oolmaa daa’immaniitti banamu kun kaffaltii isa jalqaba ittiin banamu waliin ta’a.

Qusannaa guddisuu
lakkoofsi herregaa, karaa hirmaannnaa baasii maallaqaa kan maatii fi kennaa jajjabinaaf qaamni hojjechiisu hojjetaaf kennu; kan akka qusannoo wal dorgomuudhaan taasifamuu.

Hirmaannaa Kolleejjii/Leenjii taasisuu
Qusannoon kun kafaltii kan  yeroo barnoota sadarkaa lammaffaa boodaatiif fayyaduu ta’a.

Eebbifamuu/Graduate
ijoollonni warri Herrega Doolaara 1 hanga 500 gidduu jiru, akkasumas manneen warri galii gad-aanaa hanga galii giddu-galeessaatti qaban carraan eebbifamuu dachaa 4 ta’u ni qabaatu.

CollegeBound Saint Paul keessatti daa’ima keessan har’uma galmeesisaa

Caalmaatti hubannoo qabachuuf

Faayidaa maatiin Akkaawontii Qusannoo  kan Kolleejjii irraa agratan

Abdii maatiin waa’ee barnoota ijoollee isaaniitiif qaban kan jajjabeessu ta’a”

Guddina hawaasummaa fi dhageettii miiraa kan jajjabeessu ta’a

Nageenya sammuu haawwanii kan fooyyessu ta’a

Source: Beverly, S., Clancy, M. & Sherraden, M. Universal Accounts at Birth: Results from SEED for Oklahoma Kids (St. Louis, MO: Center for Social Development, Washington University in St. Louis, 2016).

College-Boundiin Seeyint Poul akkamiin hawaasa kee cimsuu danda’a?

Magaalaan Saint Paul, CollegeBound Saint Paul ogeessota qusannoo baankii kan kolleejjii waliin walitti siqeenyaan  hojjechuu fi hawaasaan kan geggeeffamu, kan miseensa hojii 50 of keessaa qabu illee bara 2018 keessa CollegeBound Saint Paul hundeessee jira. Isaan waa’ee guddina Saint Pauliif mul’ata guddaa qabu. Diinagdeedhaan kan guddatu fi hawaasa garaagaraa keessaa badhaadhaa kan ta’e. CollegeBound Saint Paul, akkamittiin mul’ata kana galmaan ga’uuf kan gargaaru gabaasa isaanii irraa dubbisaa.

Aadaa fi muuxannoo garaa-garaa namoota qaban keessaa kan walitti dhufan 145 ol kan ta’an jiraattonni CollegeBound Saint Paul sagantaan kun akka qophaa’uuf deggersa taasisanii jiru. CollegeBound Saint Paul kun, tokkoon tokkoon daa’immanii fuul-dura jireenya isaanii ittiin fooyyessuu kan danda’an maallaqaa dhiheessuudhaan dandeettii isaanii guutummaatti akka argataniif kan gargaaruu dha.

Haawaasa keessan cimsuuf deggersa taasisuu. Shariika CollegeBound Saint Paul ta’a.

Caalmaatti hubannoo qabaachuuf
Privacy Settings
We use cookies to enhance your experience while using our website. If you are using our Services via a browser you can restrict, block or remove cookies through your web browser settings. We also use content and scripts from third parties that may use tracking technologies. You can selectively provide your consent below to allow such third party embeds. For complete information about the cookies we use, data we collect and how we process them, please check our Privacy Policy
Youtube
Consent to display content from - Youtube
Vimeo
Consent to display content from - Vimeo
Google Maps
Consent to display content from - Google
Spotify
Consent to display content from - Spotify
Sound Cloud
Consent to display content from - Sound
CollegeBound Saint Paul